------------------------------------ Gaaf walbaran waltuffachu Har'a argani wal dhungachu! Aduu dhiiteen walbeellamu Oso hin hubatin dheekamu! Shakkii jaalala keessaa Hacuuccaa ilma hiyyeessaa! Huccuun nama madaaluu Hatanii nama ilaaluu! Daree keessatti muguu Humna ofii ol dhuguu! Jette jettee haasa'uu Dargaggummaan raata'uu! Dargaggeessa gagamaa Nyaata marqaa fi dhamaa! BAAY'EEN JAALADHA -----------_--------------------- Hirriba barii gubbaa Gara laafettii durbaa! Kopheef kaalsii qullaa'aa Dhugaatii diilallaa'aa! Dadhabanii boqachuu Wanta haaraa barachuu! Mushurraa morma lamaa Jaalala ilma namaa! Haasoyni dubbii qolaa Hundarra natti tola!
Kussaa Walaloo Afaan Oromo Walaloowan ajaa'iboo isiniif qabattee dhiyaattee jiraa #LIKE fi #SHaRE Gochudhan Dubbisaa Dubistootaa biiranis Gahaa.....