Skip to main content

BAAY'EEN JIBBA


------------------------------------
Gaaf walbaran waltuffachu
Har'a argani wal dhungachu!

Aduu dhiiteen walbeellamu
Oso hin hubatin dheekamu!

Shakkii jaalala keessaa
Hacuuccaa ilma hiyyeessaa!

Huccuun nama madaaluu
Hatanii nama ilaaluu!

Daree keessatti muguu
Humna ofii ol dhuguu!

Jette jettee haasa'uu
Dargaggummaan raata'uu!

Dargaggeessa gagamaa
Nyaata marqaa fi dhamaa!

BAAY'EEN JAALADHA


-----------_---------------------


Hirriba barii gubbaa
Gara laafettii durbaa!

Kopheef kaalsii qullaa'aa
Dhugaatii diilallaa'aa!

Dadhabanii boqachuu
Wanta haaraa barachuu!

Mushurraa morma lamaa
Jaalala ilma namaa!

Haasoyni dubbii qolaa
Hundarra natti tola!

Comments

Popular posts from this blog

Waalaloo

 Sittan himaa dhagahi Isa ati dukkanaan dahattee Hammeenya hanqaaqatu Faajjii badii qabattee Laagaa sobaan  mammaaktu Ati inni iimaanaa ummataa Nyaatte bakkee gamteef hanqaaqtu Mataa qabadheen iyya Borumtii keetiif wayyoo Dhugaa ati balleessiteef Gassindhiisu waaqayyo Hin deebifta Hin kaffalta Gumaa imimmaan ummata Dacheen kunu tarsa'ee Dhugaa baddeef dubbataa Dhugaa namaa doomsitee Mul'ata ke godhatte Har'uma nyaattee buluu Gaafan waa'ee kee qoree Achi butees xiinxalu Akkaatumti bultii keetii Yeroo baay'ee naaf hin galu Jireenya ati jiraattu Tokko tokkoo isaa yaadee Gaafima salphaa wahii Si gaafachuun barbaadee Kan hundi keenya beyunu Mindaan ke gaafa ji'aa Qarshi kuma shanirraa Hin caaluu Maaliin ijaartaa mana Kan akka zuumii Biyyi itti yaa'ee laaluu Atuu yeroo hunda jiidhaadhaa Arfaasaa hin qabu birraa Maddi rooba kee maali Deebii barbaanna sirraa Bareedina mana kee Gubbaa kaasee hanga lafaa Galma mootii fakkaachuuf...