Sittan himaa dhagahi
Isa ati dukkanaan dahattee
Hammeenya hanqaaqatu
Faajjii badii qabattee
Laagaa sobaan mammaaktu
Ati inni iimaanaa ummataa
Nyaatte bakkee gamteef hanqaaqtu
Mataa qabadheen iyya
Borumtii keetiif wayyoo
Dhugaa ati balleessiteef
Gassindhiisu waaqayyo
Hin deebifta
Hin kaffalta
Gumaa imimmaan ummata
Dacheen kunu tarsa'ee
Dhugaa baddeef dubbataa
Dhugaa namaa doomsitee
Mul'ata ke godhatte
Har'uma nyaattee buluu
Gaafan waa'ee kee qoree
Achi butees xiinxalu
Akkaatumti bultii keetii
Yeroo baay'ee naaf hin galu
Jireenya ati jiraattu
Tokko tokkoo isaa yaadee
Gaafima salphaa wahii
Si gaafachuun barbaadee
Kan hundi keenya beyunu
Mindaan ke gaafa ji'aa
Qarshi kuma shanirraa
Hin caaluu
Maaliin ijaartaa mana
Kan akka zuumii
Biyyi itti yaa'ee laaluu
Atuu yeroo hunda jiidhaadhaa
Arfaasaa hin qabu birraa
Maddi rooba kee maali
Deebii barbaanna sirraa
Bareedina mana kee
Gubbaa kaasee hanga lafaa
Galma mootii fakkaachuuf
Waanuma xinnootu hafaa
Gaafa qe'ee kee dhufu
Firri si wajjiin aasaa
Otuu mooraatti hin seenin
Dakatti kophee baasaa
Eessaa fidda mee nutti himi
Soofaa kee manaaf alaa
Kan lafarraa hin beeknuu
Investimantii qabdaa
Duumessaa samii jalaa
Moo boorsaa kee keessatti
Qarshiitu wal dhalaa
Mindaan kee gaaf ji'aa
Xaafii kumtaal lama bittee
Wannumti haftuyuu hin jirtu
Eessaa fidda ammoo
Konkolaataa torbee torbeen
Jijjiirtuu
Yoo qabeenyaaf qarshii
Kan qottu ta'e boollaa
Kallattii isaa nutti himi
Nus deemnee rakkina oollaa
Buddeena hammina tolchuf
Daakteetu bukeessitaa
Dhoqqee jallinaan faalteeto
Hawaasa xureessitaa
Ati ofii kee biiroo tokkotti
Yoo taate hangafa hooggantoottaa
Obboleessa kee isa tokko
Bakka bu'aa kee gootaa
Intala adaadaa kee ammoo
Secretari footaa
Obboleesi niitii kee
Hoogganaa dhimma hawaasa
Karooraaf sagantaa ammoo
Eessuma keetu baasaa
Qulqulleessituuf wardiyanis
warruma ganda keetii
Angoo ummanni siif kenne
Hin bitte seetee ati
Isa ati dukkanaan dahattee
Hammeenya hanqaaqatu
Faajjii badii qabattee
Laagaa sobaan mammaaktu
Ati inni iimaanaa ummataa
Nyaatte bakkee gamteef hanqaaqtu
Mataa qabadheen iyya
Borumtii keetiif wayyoo
Dhugaa ati balleessiteef
Gassindhiisu waaqayyo
Hin deebifta
Hin kaffalta
Gumaa imimmaan ummata
Dacheen kunu tarsa'ee
Dhugaa baddeef dubbataa
Dhugaa namaa doomsitee
Mul'ata ke godhatte
Har'uma nyaattee buluu
Gaafan waa'ee kee qoree
Achi butees xiinxalu
Akkaatumti bultii keetii
Yeroo baay'ee naaf hin galu
Jireenya ati jiraattu
Tokko tokkoo isaa yaadee
Gaafima salphaa wahii
Si gaafachuun barbaadee
Kan hundi keenya beyunu
Mindaan ke gaafa ji'aa
Qarshi kuma shanirraa
Hin caaluu
Maaliin ijaartaa mana
Kan akka zuumii
Biyyi itti yaa'ee laaluu
Atuu yeroo hunda jiidhaadhaa
Arfaasaa hin qabu birraa
Maddi rooba kee maali
Deebii barbaanna sirraa
Bareedina mana kee
Gubbaa kaasee hanga lafaa
Galma mootii fakkaachuuf
Waanuma xinnootu hafaa
Gaafa qe'ee kee dhufu
Firri si wajjiin aasaa
Otuu mooraatti hin seenin
Dakatti kophee baasaa
Eessaa fidda mee nutti himi
Soofaa kee manaaf alaa
Kan lafarraa hin beeknuu
Investimantii qabdaa
Duumessaa samii jalaa
Moo boorsaa kee keessatti
Qarshiitu wal dhalaa
Mindaan kee gaaf ji'aa
Xaafii kumtaal lama bittee
Wannumti haftuyuu hin jirtu
Eessaa fidda ammoo
Konkolaataa torbee torbeen
Jijjiirtuu
Yoo qabeenyaaf qarshii
Kan qottu ta'e boollaa
Kallattii isaa nutti himi
Nus deemnee rakkina oollaa
Buddeena hammina tolchuf
Daakteetu bukeessitaa
Dhoqqee jallinaan faalteeto
Hawaasa xureessitaa
Ati ofii kee biiroo tokkotti
Yoo taate hangafa hooggantoottaa
Obboleessa kee isa tokko
Bakka bu'aa kee gootaa
Intala adaadaa kee ammoo
Secretari footaa
Obboleesi niitii kee
Hoogganaa dhimma hawaasa
Karooraaf sagantaa ammoo
Eessuma keetu baasaa
Qulqulleessituuf wardiyanis
warruma ganda keetii
Angoo ummanni siif kenne
Hin bitte seetee ati
Comments
Post a Comment